Dataset Viewer
transcription
stringlengths 5
707
| audio
audioduration (s) 0.86
56.8
|
---|---|
afaanii fi faayidaa isaa afaan meeshaa ilmaan namaa ittiin waliigalan keessa isa guddaa fi faayidaa hedduus kan qabu | |
fakkeenyaaf ulaagaalee sabni tokko ittiin beekamu keessaa inni guddaan afaan isaati | |
kana jechuun sabni tokko saba kana jennee saba birarraa adddaan baasuuf kan nu gargaaru yeroo baay'ee afaan inni dubbatu | |
kanamalees afaan aadaa saba isaa ni baata darbees ni ibsa | |
faayidaa guddaan afaanii inni biraa namoonni guyyaa guyyaatti jiruu fi jireenya isaanii gaggeessuu fi fooyyeessuu akka danda'an barbaadan tajaajila walqunnamtii kennudha | |
namni tokko rakkina gammachuu fi waan kana fakkaatan akka fedhiitti himachuuf kan gargaaru afaani | |
akkasumas fedhii fi jibba namoota biraa dhagahanii tarkaanfii barbaachisu fudhachuuf afaan tokkoo ol beekuun barbaachisaadha | |
guddinni afaan saba tokkoo guddina hawaasa isaa waliin deema | |
kana jechuun bal'innii fi dagaaginni afaan tokkoo guddina qabeenyaa fi aadaa saba sanaa waliin walqabata jechuudha | |
qabeenyii fi aadaan saba tokkoo yoo guddachaa deeme isaan dabalaman kana moggaasuun barbaachisaa ta'a | |
kun ammoo guddina afaan saba sanaatiif karaa bana | |
kanaaf guddinni hawaasaa fi afaanii walqunnamtii qaba kan jedhamuufis | |
akka ilaalcha yeroo ammaatti baay'inni afaan biyya tokko keessa jiranii akka rakkootti osoo hin taane akka bu'aatti ilaallama | |
akka ilaalcha kanaatti afaan adda addaa walbira yoo guddatan guddinni tokko guddina isaan biroo ni caala muuxannooon isa tokkorraa argamu guddina isaan kaaniif ni gargaara | |
kana malees afaanota biyya tokkoo kabajuu fi guddina isaanii gara hundaan gargaaruun lammii biyya tokkoo kabajuudha guddisuudhas | |
yeroo tokko tokko garuu haalli dhugaa kana faallessu ni mudata | |
akkuma seenaa biyya keenyaa fi biyya biraarraa hubannu adeemsi siyaasaa kun afaan saba tokkoo qofti akka guddatuu fi beekamu kan saboota biraammoo akka qancaruu fi ukkaamamu yeroo taasisu agarra | |
akkuma beekkamu afaan tokko haala gaariin guddachuu kan danda'u dubbatamuu qofaan osoo hintaane afaan barumsaa fi afaan hojiin mootummaa ittiin gaggeeffamu akkasumas afaan barreeffamaa yoo ta'edha | |
afaan hiree kana dhabe 'ni guddata' jedhanii eeguun gowwummaadha | |
kun kan agarsiisu guddina afaan tokkoo fi guddina hawaasaatiif siyaasi qooda guddaa qabaachuu isaati | |
walumaagalatti afaan mallattoolee eenyummaa fi meeshaalee walquunnamtii sabni tokko qabu keessaa isa guddaadha | |
afaan akkuma aadaa kaanii guddina hawaasaa waliin deema | |
kana malees afaan tokko akka fedhii saba isaa guututti guddachuuf sabichaan dubbatamuu qofa osoo hin taane afaan barumsaa fi hojiin mootummaa ittiin geggeeffamu akkasumas afaan barreeffamaa ta'uu qaba | |
kan afaan tokko guddachuu danda'us yoo akkas ta'eedha | |
gooroowwan afoola sabni oromoo bal'inaan dubbii gabaabsuun mi'eessuunii fi miidhagsuuf itti fayyadamu keessaa tokko mammaksa | |
mammaaksi afoola kamiyyuu caalaa jireeenya uummatichaan kan walqabate | |
ummanni oromoo mammaaksa isaatiin ragaa baha | |
kanaafis mammaaksota dubbiin mammaaksa malee ittoon soogidda malee fi mammaaksi kooba dubbiti jedhan ilaaluun gahaadha | |
waan dhama qabu dubbachuufis yeroo barbaade aaki jedhan waa tufan mammaakan waa himan jechuun iddoon hawaasichi mammaaksaaf laatu cimaa ta'uu isaa mul'isa | |
mammaaksi hawaasa oromoo biratti waan hedduuf mammaakama | |
fakkeenyaaf qaruxee tuffii jaalala hawwii haqa gootummaa doqnummaa jibbaa fi kan kana fakkaatan agarsiisuuf ni mammaakama | |
ergaa mammaaksa tokkoo hubachuuf wantoonni adda addaa nama gargaaruu malu | |
fakkeenyaaf aadaa seenaa durdurii faa beekuun barbaachisaadha | |
obsineet asmaraa roozaa hayiluu darajjee hinsarmuu fi birhanuu shimallis sagalee waraaba jiru | |
barreessuun dandeettii irra deddeebi'anii yoo shaakalan gonfatamuu danda'uudha | |
kanaaf namni keeyyata barreessu tokko adeemsa hordofuu qabu beekuu qaba | |
kunis mataduree irratti barreessinu filachuu mataduree sakatta'uu yookiin wantoota achi keessa galchinu itti yaaduu mataduree irratti barreessinu daangeffachuu kunis hima ijoo murtaawaa ta'e tokko qabaachuu akkasumas qabxiiwwan hima ijoo deeggaran lafa kaawwachuun murteessoodha | |
yaadolee hima ijoo deeggaran tartiiban kaahuun barbaachisaadha | |
akkaataa namoonni hedduun tamboo xuuxuu itti eegalan keessa inni tokko dhiibbaa hiriyaatiini | |
dhiibbaan kun umrii dargaggummaa keessatti bal'inaan calaqqisa | |
kaayyoon isaanii inni guddaan hiriyoota isaanii biratti jaalatamumma fi fudhatamummaa argachuudha | |
gareen kun jalqaba tamboo xuuxuuf ilaalchi qaban gaarii ta'uu dhiisuu danda'a | |
garuuadeemsa keessa hiriyoota fakkaachuuf gara xuuxuutti seenu | |
egaa namoonni sababoota garaagaraatiin tamboo xuuxuu baranis booda keessaa bahuun rakkisaa waan ta'eef sadarkaa kana osoo hin gahin irra deebi'uun gaariidha | |
darajjee birhanuu toleeraa samsoon tafarii fi zawuddee fa'a universiitii madda walaabuu waggaa shanaffaa baratu | |
dhalli namaa erga gara addunyaa kanaa dhufee jiruu fi jireenya eegalee karaa adda addaatiin walqunnama | |
walquunnamtii kana keessaas waljaalachuun walitti firoomuun akkuma jiru waljibbuunis walirraa baqachuunis ni jira | |
namoonni wal fakkeenya saalaatiin umriitin sadarkaa barnootaatiin naannoon sabummaan hojii fi kan kana fakkaataniin walitti dhufuun hiriyoomuu yookan firoomuu danda'u | |
haalli kunis walitti dhufeenyi namootaa sadarkaa adda addaa akka qabaatu taasisa | |
kanaafuu nama hundatti firoomuun ykn hiriyoomuun hin danda'amu | |
hiriyaa baafachuun namarraa gara namatti adda ta'uu danda'a | |
kunis hunduu ulaagaa mataa ofii qaba waan ta'eefi | |
namni hundi ulaagaawwan isaa keessatti nama yaadaa fi amalaan waliigalan caalatti filatu | |
ummata oromoo biratti hiriyummaan aadaa kabaja guddaa qabu | |
keessumaayyuu addooyyeen shamarranii oromoo biratti haalaan beekamaadha | |
kunis kan shamarran oromoo jaalala dhugaa kabajaa fi maalummaa hiriyummaa ittiin agarsiisani | |
kanaafuu addooyyeen kan dubri umrii fi naannoo jireenyatiin walitti dhiyaatan hanga waliin jiranitti waljaalachuu fi waliif dhaabbachuun waadaa waliigalan | |
waadaan waliigalan kuni kakuu hiriyummaa isaanii cimsu ta'a | |
kakuu kaan booda hiriyoonni lamaan addooyyee waliin jedhu malee maqaan walhinwaaman | |
naannoo tokko tokkotti ammoo hiriyoonni lamaan maqaa biroo walii moggaasuun walwaamu | |
fakkeenyaaf arsiitti kumuudee hanguggee bilillee faa walii moggaasuun walwaamu | |
waadaa waliigalan kana eeguuf jecha dubara moggoo taatellee maqaa ishiitiin hin waaman | |
addooyyee lamaan yeroo gammachuus ta'ee gaddaa walbira dhaabbatu | |
yeroo boqonnaa isaanii guyyaa sanbata guddaa waliin dabarsuun dhimma qaban hundarratti waliin mari'atu | |
dhimmi gaa'ila raawwachuu yoo isaaniif dhiyaate waa'ee gurbaa isaan ilaallatee iyyaafatanii irratti mari'atu | |
mariin isaanii qotee bulaa ta'u isaa amala bayeessa qabaachuu isaa harka qalleessa ta'uu isaa fi dureessa yookan sooressa ta'u isaa irratti ta'uu mala | |
haaluma kanaan ulaagaa kaadhimummaa guutuu fi guutuu dhabuu isaa mirkaneessu | |
kana malees gammachuu warra isaanii irratti waliin hirmaatu | |
fakkeenyaaf yoo warri isaanii sirna adda addaa godhatan nuffii tokko malee walgargaaru | |
haaluma kanaan gaafa rakkoos wal irraa hin baqatan | |
hunda caalaa ammoo cidha walii irraa hin hafan | |
qophii cidha walii irratti hirmaatu | |
addooyyeen heerumaaf qophooftu maal gochuu akka qabdu gorsuu akka ishiin haala gaariin mana horattu yaadaan gargaaru | |
kana malees kan misirroon fudhattee heerumtu dhalee fi dhangaa adda addaa qopheessanii mi'a manaa fi uffata bitaanii walii gumaachu | |
bakka tokko tokkotti ammoo heexoo dubarri heerumaaf kaatu dhugdu waliin dhugu sirba cidhaa jala bultii waliin sirbu | |
dhumarratti gaafa heerumaa baye-bayee fi taritarii baafachuun booyanii fira boochisu | |
walumaagalatti addooyyeen haala shamarran jireenya keessatti gaddaa fi gammachuu irratti waliin dhaabbatani jaalala waliif qaban ittiin ibsatani | |
kaayyoon kiyyaa fi kan hiriyaa kiyyaa teeknooloojii biyya itiyoophiyaa kesssatti baballisuu fi tamsaasudha | |
meeshaalee walqunnamtii ammayyaa akkuma sochii hawaasummaa adda addaa barumsi bu'aa saayinsii fi teeknooloojii kan burqisiisu qofa osoo hin ta'in ofiis itti fayyadamaa jira | |
kanaaf fakkeenya guddaa kan ta'u barnoota idilee sagantaa barnoota raadiyoo fi televiijiniin tamsa'ee deeggarsa cimaa kennuu danda'uu isaati | |
sagantaan kun addunyaa guutuu keessatti haala qabatamaa biyyichaa irratti hundaa'ee hojiirra oolus biyya keenya keessatti ammas gahaa akka hintaane ogeessonni barnootaa hedduun ni ibsu | |
sagantaan kunis akka bal'achuu qabu ni hubachiisu | |
raadiyoo fi televiijiiniin barsiisuun humna namaa barsiisuuf barbaachisu qusata | |
kun ammoo barsiisonni fedhii barattoota isaanii guutuuf yeroo gahaa akka argatan taasisa | |
kana malees barsiisonni dandeettii fi muuxannoo gahaa qaban yeroo barsiisan barattoota hedduun ilaalamuu fi dhaga'amuu akka danda'an godha | |
dabalees barumsi fiilmiin raadiyooniin yookiin televiijiniin kennamu barattoota miliyoonaan lakkaa'aman qaqqabuu danda'a | |
barumsa gosa adda addaas barattoota fagoo jiran yookiin kanneen barnoota idilee hin arganneef dhiyeessuun ni danda'ama | |
waggootii hedduu darban keessatti fiilmii fi raadiyooniin biyyoota baay'ee keessatti namoota hin baranneef barnoota gosa adda addaa dabarsaniiru | |
kanaanis dubbisuu fi barreessuu irraa eegalee kan akka barnoota qonnaa ittiin barsiisuun danda'ameera | |
biyyoota barnoonni sadarkaa tokkoffaa keessatti babal'ate keessatti fiilmii fi raadiyoon kan fayyadan barumsa daree bakka bu'uuf osoo hintaane kan barsiisaan dhiyeessu caalaa barumsa kennamu bu'uura isaarraa ka'uun beeksisuu fi gabbisuufi | |
mootummoonni fiilmii biyya isaaniitiif maallaqa ni ramadu | |
fiilmiin kunis tolaan manneen barnootaa kolleejjoota gumiiwwanii fi namtokkeefillee ni dhiyaatuuf | |
yuunivarsiitoonni baay'een barumsa fagootiif fiilmii ofii qopheessu | |
garuu fiilmii gabaabduu tokkollee qopheessuuf mi'aawaa waan ta'uuf biyyoonni baay'een fiilmiitti fayyadamuun isaaniitti ulfaata | |
kanaaf jecha uummataaf barumsa gatii salphaan dhiyeessuuf addunyaarratti raadiyoon caalaatti filatamaa ta'eera | |
ardiiwwan addunyaa tajaajilli raadiyoo harka baay'een keessatti dabale keessaa iisiyaan fakkeenya tokko | |
yeroo dheeraaf biyyoonni industiriidhaan dagaagan baay'een sagantaa barnoota raadiyoo uummata isaaniitiif kan dhiyeessan yoo ta'u dhaggeeffattoota raadiyoo alaatiif ammoo barnoota afaanii qabu | |
abbaan fedhe bakka fedhee addunyaa keessatti barnoota afaan adda addaatin biyyoota adda addaarraa dabru raadiyoo sanaan hordofuu danda'a | |
fakkeenyaaf awustiraaliyaatti ijoolleen bakka adda addaatti argaman barumsa isaanii giddu-galeessa mana barumsaa qilleensarraa tamsa'u dhaggeeffatu | |
ijoolleen kun raadiyoo ofiitiin dhaamsa dabarfachuu yeroo barumsi xumuramus barsiisaa raadiyoo sanaaf gaaffii dhiyeessuu danda'u |
End of preview. Expand
in Data Studio
README.md exists but content is empty.
- Downloads last month
- 8